AKKATA ITTI IMPAYIRA ITOPIYYAA

Bara 1985 keessa teessuma ABUT 3ffaa irratti “MLLT” akka gartuu to’ataa ABUTtti bu’uureeffamee, Laggasee (“Mallas”) Zeenaawuyii Dura Taa’aa, Ammahaa Saamu’eel Itti Aanaa, Gabru Asraat Gaafatamaa horoo/Faayinaansii tahan. Faallaa Laggsee (Mallas) kan deeman warri akka Faantaahuun Zara-tsiyoon (Gidaay) Aragaay Barhee, Asaffaa Haagos, Taklee Hawaaz ykn Gaazexessaa Aluulaa Taaddasaafaa, kaan ni ajjeefamanii yookaan ukkamsananii dhoksaman, kaan ammoo gara miilli isaan baasetti bahan.
AKKATA ITTI IMPAYIRA ITOPIYYAA
Barruu Quunnamtii haala kana oggaa ibsu: “Furthermore, the anti legese faction within the TPLF saahoo Fantahun Zeratsiwoon (Giday), Aregai Berhe, Asefa Hagos, Tekle Hawaz or the journalist Alula Tadesse are either murdered, abducted or in hiding.” Quunnamtii hidhaa (vol) 11.
AKKATA ITTI IMPAYIRA ITOPIYYAA
bara 1991 Fuula 18 fi 19 Haallen olitti tuqaman kanneen irra aanuuf, gama tokkoon waraana Dargii lola irratti booji’amanii fi warra EPRP irraa foxxoqanii itti dhaqaniin of utubaa, gama kaaniin ammoo hariiroo ABO waliin waan caalaatti cimsate fakkeeffachaa, dhibdee keessa isaatii irra aanuuf tattaafataa, humna cibraan tokko ergama (mision) dachaa itti kennee dirree dhihaa dhufee waliin Dargii lolle. Dirqamni humna kanaa inni tokko Dargii lolachuu oggaa tahu, inni lammaffaan ammoo kaayyoo ABO irratti, mooruma isaa keessatti hojjechuu dha. Kunis humna keenya waa’ee Itophiyummaa barsiisuuf carraaquu ture. AKKATA ITTI IMPAYIRA ITOPIYYAA
Humni isaanii dirree keenya dhufe sun, miseensota keenya waa’ee Itophiyummaa barsiisuuf duula egale. Inni kun hariiroon ABO fi TPLF gidduu eegalame utuu hin turin akka boorawuu eegalu taasise. ABOn qabsoo farra sirna bittaa kolonii Impaayera Itophiyaa oofuudhaan, Bilisummaa Oromiyaa fi burmadummaa ummata Oromoof qabsaawa.
Akeekni bu’uura ABOn qabsaa’uufis, mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo argamsiisuuf sirna Impaayera Itoophiyaa diiguudhaan, Oromiyaa kolonii, hacuuccaa fi saaminsa jalaa bilisa baasuu dha. Aadaa, afaanii fi seenaa Saba Oromoo, sirna bittaa kolonii Itophiyaa jalatti jaarraa tokkoof ukkaamamee ture deebisee hadhaa dhiyyuun, Oromummaa dagaagsuuf qabsaawa. Ilmaan Oromoo eenyummaa isaaniitti akka boonanii fi mirga sabummaa fi birmadummaa uumaan qaban tikfachuuf akka qabsaawanii barsiisa. Humni TPLF dirree keenya dhihaa tumsaaf dhufe jedhamee abdatame garuu, faallaa isaa Qonsaawota Oromoo, waa’ee Itophiyummaa barsiisuutti ka’e.
Qooda dhaabotni lamaanuu, ilaalchaa fi kaayyoon mata mataatti qaban akkuma jirutti tahee, diina waloo kan tahe Dargii loluu irratti waliif tumsuu fi dhimma walii keessa seenuu dhabuu faallaa dalaguu eegalan. Kaayyoo fi sagantaan siyaasaa ABOn qabatee deemu sirrii akka hin taanee fi gaaffiin ummata Oromoo gaaffii sabaa ti malee kan kolonii tahuu akka hin qabne, mooraa qabsoo Oromoo keessatti, ija dhiibanii, miseensa ABO keessa facaasuuf hojjechuu barbaadan.
Humni TPLF kun hanga bara 1987 jalqabaatti dirree keenya ture. Jalqaba keessa oggaa SPLAn duula nutti Bantu, hin lolinaa of duuba Sudanitti deebi’aa jedhanii ofii isaanii tasuma ka’anii Tigraayitti galan. Akka silaa tahuu qabutti, Dargii fi humna SPLA Dargiin hidhachiisee nutti bobbaase waliin lolachuun hafee,Hariiroo ABO fi Wayyaanee Bara Dargii walii galanii qabsoo itti fufuu isanii