Oromiyaa Koloneeffachuuf Carraa Warri Habashaa Argatan

COLONIALISM OF THE OROMO PEPOPLE                      

COLONIALISM OF THE OROMO PEPOPLE  
COLONIALISM OF THE OROMO PEPOPLE  

 Habashoonni jaarraa 14ffaa irraa kaasanii warra Awuroppaa wajjin hariiroo uummachuuf carraaquu jalqaban. Haata’u malee yeroo duraa hedduu hin milkoofne. Hariiroo akkasiin, yeroo Imaam Ahmad isaan . lole waraanni poortugaal gargaarsifachuu danda’an. Hariiroo akasiin, Jaarraa 17ffaa jalqbaa irraa kaasee Misiyoonoti warra poortugaalii fi Ispeen biyyaa Habashaa seenuu jalqaban. Mootummootni Habashaa walii isaanii gidduuttis aangoo qabachuu irratti wal haa lolan malee, irra guddaa kana isaan sodaachise garuu dhiibbaa Oromoo ti. Kanaaf sodaa Oromoo irraa kan ka’e gargaarsa meeshaa wal duraa duubaan warra Awurooppaa irraa hidhatanii Oromootti duulaa yoona gahan.

COLONIALISM OF THE OROMO PEPLOE

 Mootoma bakka bakkatti dhaabbatan keessa Oromoo deebisanii hedduu kan dhiiban warra Manz turan. Amaaroti Manzii biyya Oromoo gidduu kan qubachuu jalqaban bara Amda-tsiyoon (1314 – 44tti) ture. Duula lafa Oromoo qabachuuf godhaniif akka salphifatuufitti qubasuma waraanaan isaa tolfatan ture. Achi irraa ka’anii Oromootti duulaa turan. Moototni Manzi, mootii moototaa Habashaa Gondoriif gibira galchu turan. Mootiin Habashaa Gondor, akka kutaa biyya isaanitti isaan fudhata ture. Citichi (island) qubsuma Amaaraa kan lafa Oromoo gidduutti hafe kun booda, bakka duula koloneeffachuu Oromiyaa irraa qindeessan taate. Achi irraa ka’anii gargaarsaa fi meeshaa lolaa argataniin Oromootti duuluu itti fufani.

COLONIALIASM OF THE OROMO PEPLOE

 1557tti erga Turkiin Mitsiwwaa qabatte jalqabee Habashootni meeshaalee lolaa bifa garaagaraan argachuu jalqaban. Qawwee argataniin Oromoo eeboo fi gaachanaan lolutti duuluu eegalan. Fakkeenyaaf, bara 1771tti yeroo Amahaa Iyyaasuun Gondor dhaqee qawwee haga tokko argate Manzitti deebi’e, namtichi Ingilizii Jemis Biruus jedhamu achi ture akka galmeessetti: “meeshaan isaanii(Omromoo) eeboo fi hofaa qaramee ibiddaan qarri isaa jabaatee fi gachana ture. Gaachanni isaanii yeroo roobaa yoo jiidhe waan laafuuf ni dadacha.a” jedhe. Oromoo meeshaa akkasii hidhatee lolutti Amahaa Iyyaasuun qawwee hidhateen duuluu jalqabe. Dura Oromoo kaarrayyuu warra abbaan isaa harkatti du’e irratti duula ba’e.

COLONIALIASM OF THE OROMO PEPLOE

Oromoon karaa hedduu miidhee, ajjeesee, hanga qarqara laga Awaashitti dhiibe. Ankoboritti qubsuma waraanaa tolfate. Amahaa Iyyaasuun qawwee argateen Manziin naanneessee Oromoota jiran dhiituu jalqabe. Mootota Manzii darabee aangoo qabatan keessaa kan utuu Oromootti hin duulin aangoo irra ba’an hin turre. Keessattuu Saahila-sillaaseen kan waggaa 34 mo’e, Oromoo kaanitti duulaa, kaan ammo ofitti qabee firoomfachuu tooftaa baafate. Bara isaa kana keessa warri Awurooppaa yeroo duraatiif Shawaa (Manzi) seenuu jalqaban. Saahila-sillaaseen, warri Tigiree karaa namoota Awurooppaa biyya isaanii dhufaniin qawwee irraa argachuuf tattaafataa ture. Akka kanaan, bifa adda addaattiin qawwee haga tokko walitti qabachuu danda’e .

1840 keessa meeshaa lolaa Saahila-sillaaseen qabuu fi kan Oromoo hedduu wal caala. Saahile Sillaaseen meeshaa baraa argateen Oromootti duulee saamuu danda’e. Midhaa inni Oromoo irraan gahe namitichi Ingilizii Haarsi jedhamu yeroo barreese: “Maasiin,qamadii, garbuu,ataraa…. Hojii hawwaannisaattiin walakkaa sa’atii kessatti barbadaa’an. Ooyru hundaa irra waanti qotme ni qulla’e. Qabeenyaa uummataa mana seenanii utuu waa hin hanbisin saaman. Mana ibidda itti naqanii guban” jedhee jira. Saahile Sillaseen gargaarsa kadhachuun duula balleessi akkasii itti gochuuf ture.KOLONIIF JECHAA MAQAA  MOOTIIN HABASHAA  OROMOO ITTIIN WAMAAN

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top