Hacuucaa Baba Motummota Habashaa
Miidhaa Bara Hayile-sillaasee Moototni habashaa darabee sirna bittaa kolonii Minilikitti wal furan marti qiyyaafatnoon isaanii uummata Oromoo irratti. Seenaa, aadaa fi afaan Oromoo balleessuu fi qabeenyaa Oromoo saammachuu dha.
Guddina afaan, seenaa, aadaa fi dinagdee Oromootti duulaa ilmaan nafxanyaa Oromiyaa keessatti kan goobse Hayila-sillaasee dha.
Hayila Sillaaseen qubsuma ilmaan nafxanyaa babal’isuu fi jajjabeessuun,

aadaa fi afaan Oromoo gad-qabee kan Amaaraa irratti babal’isuun,
baasii gibiraa ol kaasee ittiin dinagdee Oromoo quucarsuu fi lafa isaa irraa buqqaasee nafxanyaa irra qubachiisuu fi k.k.f niin hawaasa Oromooo hedduu miidhe.
Hacuucaa Baba Motummota Habashaa
Ummatni Oromoos mormii fi diddaa bittaa kolonii mootummaa hayila Sillaasee gochuun kufaatii mootumichaaf guddaa gumaache.
Fincila diddaa kolonii mootummaa Hayila-sillaasee Oromoon
yeroo fi bakka adda addaatti gochaa ture keessaa tokko kan Raayyaa Aseeboo bara 1928-30 ti. Bara 1928 keessa bulchaan naannoo Raayyaa, Azaboo fi Waajiraati Gugsaa Ari’ayyaa ture.
Gugsaan gita bittuu habashaa, Hayila-sillaaseen nama Oromoo Raayyaa irratti ramadamee dha. Bittaa kolonii Hayila sillaasee bakkaan gahuuf jecha miidhaa Oromoo irraan gahuutti fakkaattii hin qabu ture. Humna Oromoo Raayyaa laaffisuuf jecha gibira ol kaasuu fi miidhaa adda addaa irraan gahuu eegale. Kanaaf Oromoon Raayyaa ji’a jalqabaa bara 1928tti mootummaa irratti fincilan.
Hacuucaa Baba Motummota Habashaa
Hayila-sillaaseen fincila kana dhaamsuuf humna waraanaa meeshaa jabanaa hidhate itti duulche. Humna lafoo qofaan injifachuu akka hin dandeenye hubate. Akka kanaan hogganaa ministeera waraana isaa ennasii Dajjaazimaach Mulugeetaa Buliin ji’a Bitootessaa bara 1930tti humna waraana lafoo fi qilleensaa itti bobbaase.
Mulugeetaan gara laafina tokko malee ijoollee fi maanguddoo,
dhalaa fi dhiira utuu addaan hin fo’in irraa fi jalaan rasaasa itti roobsise. Tarkaanfii diinummaa irratti fudhatame kanaan hubaatii guddaan qabeenyaa fi lubbuu Oromoo Raayyaa irra geessifame. Dhuma irratti tumsa waraana humna qilleensaa Ingilizii Eden irraa gaafatee argateen, Hayila-sillaaseen fincila Raayyaa kana dhaamsuu danda’e.
Hacuucaa Baba Motummota Habashaa Bara Xaaliyaanii boodas deggersa mootummaa Ingiliziin Hayila-sillaaseen barcuma bittaa isaatti oggaa deebi’u, warri jalqaba fincile Oromoo Raayyaa ti. Akkuma Hayila-sillaaseen bara 1941ttti aangootti deebi’een hawaasni Oromoo Raayyaa fincilan. Fincilli kun hanga 1943 daboo humna qilleensaa Ingilizii Eden irraa ka’uun rukkutametti hin qabbanoofne.
Hayila Sillaaseen baqattummaadhaa deebi’ee bittaa kolonii habashaa gargaarsa Ingilizii fi biyyoota dureeyyi biroon itti fufee fincila Oromoo humna qawween dhaamsuuf miidhaa qabeenyaaf dhumaatii namaa hedduu geessise. Bara 1947-48 keessa ammas Oromoo Raayyaa fincilanii bakka bal’aa bilisoomsanii erga qabatanii bood daboo humna qilleensaa Ingilizii Eden irraa kadhatameen ammas qabbanaawe. Humni qilleensaa kun gara laafina tokko malee dhukawaa itti harcaasuun humna riphee lolaaOromiyaa Koloneeffachuuf Carraa Warri Habashaa Argatan