KITABAA MACAAFA  QULQULLU MUL’ATA YOWANNIS BARA DHUMAA WA’EE GOGUU LAGEEWWANII ILALCHIISEE

MUL’ATA YOHANIS BARRESSE

MUL’ATA YOHANIS BARRESSE
MUL’ATA YOHANIS BARRESSE

Bara kakuu moofaa, galaanni Ifraaxiis karaa gargaarsa diinota Israa’el isa murteessaa ture. Baabilonii fi Asor (Isa 7:20, Erm. 46:10). Galaanni sun sababii Baabilon keessa yaa’uuf, minaan isaanii magarsee bishaan waan irraa argataniif magaalichaaf barbaachisaa ture.Galaana Efraaxiis malee baabilon jiraachuu hin dandeessu turte. Mul 17:1 Baabilon bara dhumaa akka bishaan baay’ee irra jiraattuutti ibsa innis akka galaana Ifraaxaasitti (Erm. 51:13). Mul. 17:15 bishaanni inni Baabilon bara dhumaa irra teessu saba ishee deggaran ta’u, uummata guutummaa lafaa humneetii mootummaa fi siyaasa sirnicha duubaan jiran ta’u. Humneetiin kun suutuma suuta deggarsa isaanii irraa in kaasu.

MUL’ATA YOHANIS BARRESSE

Taateen dha’icha ja’affaa saayirus nama Faresiin booji’amuu Baabiloniin argisiisa (Dan 5). Akka ogeessa seenaa durii, Heradotusitti galgala gaafa mootichi Belshaaxir fi qoroon isaa dhangaa qabaatan sana warri Faares galaana Efraaxiisiin karaa isaa irraa jallisuudhaan bo’oo isaa keessaan magaalaa seenuudhaan haala ajaa’iba ta’een magaalattii qabatan.

MUL’ATA YOHANIS BARRESSE

Fakkeenyi goguu galaana Efraaxiis Mul 16:12 keessattii kufaatii Baabilon bara dhumaatiin raawwate. Goguun Ifraxas inni Mul’ata keessaa saba lafaa, mootummaa fi humneetii siyaasaa warra garagaarsa baabiloniif kennanitti yommuu fakkeeffamu, goguun Efraaxiis immoo harka gargaarsa isaanii irraa deeffachuu fi itti aansee haleellaa kufaatii isheetti geessuun rukutamuu ishee ti. Namoonni lafa gubbaa dingata baduu ishee dhugaa ba’uuf akka jiran (Mul. 16:10, 11) gargaarsaaf gara Baabilonitti fuula deebifatu. Garuu akkuma dha’ichi shanaffaan teessoo aangoo Baabiloniin rukuteen sababiin gargaarsa ishee barbaadaniif akka hin jirre in argu. Gowwoomfamuun isaanii itti dhaga’amee, kufaatii isheetiif Baabiloonitti in garagalu/in lolu (Mul. 17:16) garuu akkuma argine garaan isaanii Waaqayyoo fi saba Waaqaa irratti akka jabaatutti tura. Hamma kanatti, gowwomsaa bara dhumaatii biyyoo xaa’oo qabu ta’anii Seexanni karaa guutummaa lafaa gara lola guddichaa Waaqayyo irratti godhuuf walitti guru godhata. MUL’ATA YOHANIS BARRESSE

Gowwomsaa Seexanaa isa Guddaa fi isa Dhumaa

Mul.16:12s ababii goguu galaana Efraaxiis “mootonni warra ba’a- biiftuu akka dhufaniifis karaan in banameef.” Karaa banuufii akka ta’e nutti in hima. Bara kakuu moofaatti “mootiin warra bahaa” mooticha Saayirasi fi loltuu isaa warra Baabiloniin lolaniidha (Isa 41:25). Baabiloniin mo’achuun isaanii sabni Waaqayyoo gara bi- yya isaaniitti akka deebi’an taasise (Isa 44:27,28). Karuma wal fakkaatuun, fakkeenyi goguu galaana Efraaxiis dhufa mooticha baha dhufee kan Waaqayyoo saba bara dhumaaf gadi lakkifamuu argamisiisutti fakkeeffama.

Mul. 16:12 keessatti mootonni Bahaa Kristosii fi amanamoo loltoota isaa ti. Yeroo Yesus deebi’u, ergamoota waaqaan marfamuun Mul. 17:14, Lola dhumaa keessatti Kristosii fi amanamonni isaa warri haftuun humneetii seexanaa loluu keessatti in hirmaatu. Mul 19:14 keessatti, Yesus hoomaa loltoota samii dursuudhaan “Loltoonni waaqa keessaa immoo uffata quncee talbaa adii fi qullaa’aa uffatanii” innis Wayyaa isa kan misirroo hoolichaa ta’e Mul. 19:8. Akkuma bakka buutota lafa irraatti, Mul 7 keessattii, warri 144000 akka hoomaa waraanaa lola xumuraa sanatti galuuf jedhaniitti ilaalama.

Goguun galaana Efraaxiis sadan tokkummaa Seexanaa sana in raasa. Iddoo kana gubbaatti, fattee kan fakkaatan hafuuroti xuraa’oon sun afaan isaanii keessaa utuu ba’uu Yohaanis in arge. Dha’ichoota warra Gibxiin keessatti, fateen waan xibaartonni Fari’oonis baayisuu danda’an isa dhumaa ture (Bau 8:1-15). Hafuuronni sadan fattee fakkaatan sun, yaalii Seexanni hojii Waaqayyootti fakkeessuuf dhuma irratti hojjetuu dha.

Hafuuronni hamoo sadan “afaan keessaa” ba’u sun sadan tokkummaa Seexanaa tooftaa isaa isa dhumaa ta’ee argamuu dha. Ssxanni akka isaan dinqii gurguddaa hojjetan isaaniin taasisee gocha bineensa hoolaa fakkaatu sana akka ilaalan godha. (Mul 13:13, 14) isa hafuuraan qabamuutti/ spiritualism/ iitti geessu dabalatee ti. //// waa qayyo hundaa danda’aa jabadha kiristoon hin dhufaa watii huundiinuu hin darbaa siriistos hin dhufaa ameen maraa nataa””’SIRNA SOOSHAALUMMAA DARGII MIDHAMA OROMOOF OROMIIYA

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top