TOKKUMMAA KRISTAANOTAA ISA DHUGAA
“Kanaafis kottaa wanta nagaaf ta’u, waan ittiin jireenya tokkummaa waliif ijaarru duukaa in buunaa!”

— Roomaa. 14:19
Waaqayyoo Tokkummaa Kiristaanotaatti Gammaduu Isaa
✍️ Yesuus namoota warra biyya adda addaatti faffaca’anii jiraataniif tokkummaa fiduuf du’
“Saba sana duwwaadhaaf utuu hin ta’in, ijoollee Waaqayyoo warra biyya adda addaatti bittimmaa’an tokkummaatti walitti qabuudhaaf du’uuf ture.”
— Yohaannis. 11:52
✍️ Tokkummaan yoo jiraachuu baate yaadaan gargar ba’uutti geessa. Yaadaan gargar ba’uun kufaatii fida.
“Yesus immoo yaada isaanii beekee, “Biyya kam illee taanaan tokkummaan isaa yoo gargar cabe, mootummaan isaa dhaabatee hin turu; mandarri tokko yookiis maatiin tokko ofii isaa irratti ka’ee yoo gargar cabe, dhaabachuu hin danda’u.”
TOKKUMMAA KRISTAANOTAA ISA DHUGAA
— Maatewos. 12:25
Jireenyi eebba qabu,
Milkaa’inni hin daangeffamnee fi
Qajeelummaan gara jireenya bara baraatti namoota gaggeessu tokkummaa keessaa argama.
“Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan.”
TOKKUMMAA KRISTAANOTAA ISA DHUGAA
— Hojii Ergamootaa. 2:42 Waaqayyoo kanatti ni gammada. Jireenyi nama tokkoo akka hin badne, inni tokko isa kaaniif fakkeenyummaa gaarii ta’uu qofa utuu hin taane, jaalalaan, walgorsuun, karaa milkaa’inaa walitti argisiisuun obboleessi/obboleettiin kee akka eebba irraa gara eebbatti ce’uuf/ceetuuf karaa banuu irra darbee tokkummaa dhaloota egeree ijaara.
“Nu keessaa adduma addaan isa kaaniif gaarii akka ta’uuf, jireenya tokkummaas akka ijaaruuf nama haa gammachiisu!”
— Roomaa. 15:2
✍️ Tokkummaan keenya gara Kiristos beekuutti, isaafis abboomamuutti walguddisuu yoo ta’e, caalaatti Jireenyi keenya ni eebbifama.
TOKKUMMAA KRISTAANOTAA ISA DHUGAA
“Waaqayyo, inni gara tokkummaa ilma isaa Yesus Kristos gooftaa keenyaatti isin waame, amanamaa dha.” — 1Qorontos. 1:9
✍️ Tokkummaa amantootaatti seexanni hin gammadu. Amantoota tokkummaan walitti qabamanii waaqayyoon waaqessan gidduuttis argamuu hin danda’u.
“Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama’aa!”
— Efesoon. 4:3
“Egaa karaa Kristos wal gorsuun, jaalala isaatiin wal jajjabeessuun, karaa hafuura qulqulluu tokkummaa qabaachuun, gara-laafinaan namaaf yaaduun nuuf kennameera.”
— Filiphisiiyus. 2:1
Eenyutu hidhaa nagaatiin, tokkummaa, dhiiga dhangalaafamuu yesuus kiristoosiin Walitti hidhamuu fi Jireenya bara baraa dhaaluuf dhugaa fi hafuuraan deddeebi’uutti gammada?
EGAA AKKA WAQAYYO JEDHUTII MALEE AKKA NAMNII JEDHUUTTI HIN JIRAATINAA BARTONNI GOOFTAA WAA’EE ABBOMII ISA CAALU NOTTI HIMII JEDHANII GAFACHUU ISANII KITABAA MACAAFA QULQULLU MUL’ATA YOWANNIS BARA DHUMAA WA’EE GOGUU LAGEEWWANII ILALCHIISEE