WAA’EE ABOOMII ISA CALUU

Gaaffii yesuus gaafatame keessaa tokko abboommii keessaa inni caalu isa kam akka ta’e ture. Yesuusis gaaffii kanaaf deebii akkas jedhu kenne.
“ Yesus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga’i, yaa Israa’el! Gooftichi Waaqayyo keenya kophaa isaa gooftaa dha. Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a’! Inni lammaffaan immoo ‘Nama, akka mataa keetiitti jaallachuutu siif ta’a’! isa jedhuu dha. Abboommiin isaan kana irra caalu kan biraa hin jiru” jedhe.” Mar. 12:29-31 GOD IS GOOD
WAA’EE ABOOMII ISA CALUU
Heertuun kun namoota baay’ee biratti dalga hubatame. Ergaan yesuus bakka kanatti dubbatee fi hubannaan dhaabbata amantii kiristaanaa hedduun gargari. Yesuus abboommii kurnan balleesseetu, abboommii lama bakka isaanii buuse jedhu. Kun dhuguma? Qabatamaatti waan wangeelli jedhu haa ilaallu. GOD IS GOOD
WAA’EE ABOOMII ISA CALUU
Abboommiin kurnan yeroo kenname gabatee dhagaa lama irratti kenname. Ba’u.31:18 , 32:15,16 ilaaluu dandeessu. Kanumaan wal qabatee abboommiin kurnan bakka lamatti qoodama. Innis abboommii 1ffaa hanga 4ffaa fi abboommii 5ffaa hanga 10ffaa ti. Inni jalqabaa arfan namaa fi waaqayyo gidduutti kan raawwatamu yoo ta’u warri lammaffaa jahaan immo namaa fi nama gidduutti kan raawwatamanii dha. Kanaafuu yesuus barsiisicha seeraa gaaffii isa gaafate sanaaf deebiin inni kennaa jiru abboommiin hunda caalu abboommii kurnan ta’uu isaati.
WAA’EE ABOOMII ISA CALUU
Barreessitoonni kitaaba kakuu haaraa Kanaan sirriitti waliif galu. Fakkeenyaaf phaawuloos akkana jedha. “Abboommonni, “Hin ejjin, hin ajjeesin, hin hatin, waan namaa hin hawwin” jedhan, warri kaanis hundinuu dubbii tokkicha isa, “Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!” jedhuun in xumuramu. Namni nama erga jaallatee, waan hamaa isa irratti hin hojjetu; kanaafis nama jaallachuun seera raawwachuu dha.” Rom. 13:8,9 . dubbiin kun ifaa dha. Yesuus nama akka mataakeetti jaaladhu yeroo jedhu dhimma abboommii namaa fi nama gidduu jiranii dubbataa jira. Akkasumas “Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo ba’aa ulfaatoo miti.” 1Yoh. 5:3 GOD IS GOOD
Yohaannis ergaa isaa keessatti dhimmi nama jaalachuu kun abboommii isuma durii sana ta’uu isaa yeroo ibsu akkana jedhe “Michoota ko! Abboommii moofaa isa durii durii jalqabee isin bira ture malee, amma abboommii haaraa isiniif hin caafu; abboommiin moofaan sun immoo dubbicha isuma isin dhageessanii dha.” 1Yoh. 2:7 as keessatti ifa ta’ee kan jiru abboommiin haaraan isa durii irraa adda ta’e akka hin kennamiini dha. Waanti haaraa taasisu yoo jiraate gaaddidduu inni ture isa dhugaa Kiristoosiin mul’achuu isaati. Heertuun itti aanee jiru dhimma jaalalaati. Kana ammoo yesuusis dubbatee ture. Yoh. 13:34 dubbisi. Abboommiicha waanti haaraa taasisu gaaddidduu duubaan kan mul’ataa ture jaalalli waaqayyoo amma qaamaan mul’achuu isaati.
GOD IS GOOD
Kanaafuu Kakuun haaraa abboommi kurnan dhabamsiise otoo hin taane seera hafuuraa isaan taasise. Inumaayyuu yesuus kakuu haaraatti dhimmi cubbuu isa kakuu duraa caalaa gadi fageenya akka qabu ibsee ture. Fakkeenyaaf “Yesus, “‘Hin ejjin’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera.” Mat.5:27,28. Dubbiin akka isa duraa namni lama yookiin sadii ijaan argee yoo itti raagesse firdiif dhiyeessu miti. Amma firdiin kan waaqayyooti. Inni immoo keessa yaada namaa ilaalee farada. GOD IS GOOD
Akkuma cubbuun gadi fageenya akkasii qabu abboommiin kakuu haaraatti gadi fageenya qaba. Warroonni aarsaa kiristoosiin maqaa dhahatanii jireenya gadi dhiisii jiraachuu barsiisan akka jedhan otoo hin taane, dhaloonni kakuu haaraa dhaloota yaada isaa keessaa seera waaqayyoo qabuu dha. Seerri hafuuraas isa kana. Waa’ee kanaa wangeelli akkana jedha.
“Guyyoonni sun yeroo ga’an, kakuu ani mana Israa’eliif kakadhu,’Seera koo yaada isaanii keessa nan kaa’a, garaa isaanii keessattis isa nan caafa; ani isaaniif Waaqayyo nan ta’a,isaanis anaaf saba in ta’u, isa jedhuu dha’ jedha gooftichi.” Ibr. 8:10 REBIRA BEKELE, [10/21/2024 9:23 AM]
Egaa dhaloonni kakuu haaraa seera isa dhagaa irratti caafame osoo hin taane seera isa harka waaqayyoon yaada isaani keessatti caafame qabu jechuu dha. Kun immoo sirriitti akka hubatamu nan barbaada.
Kakuu duraa keessatti gabateewwan dhagaa lamman abboommiin kurnan irratti barreeffaman mana qulqullmmaa keessaa kutaa hundaa caalaa qulqulluu keessaa saanduqa kakuu keessa taa’u. kakuu haaraatti immoo manni qulqullummaa saba waaqayyooti. Ulaagaa mana qulqullummaa ta’uu kan guutu egaa qodaan mana qulqullummaa isa keessa kan jiruu dha. Kanaafuu akkuma kakuu isa duraa sana har’as seerri waaqayyoo mana qulqullummaa keessa jira. Bakki inni jiru immoo yaada warra fayyanii keessa ta’uu isaati.
“Yesuus seera raawwate” kan jedhu waca protestantota keessa jiru keessaa tokko. Eeyyeen akkuma Mat.5:17 irratti jedhu inni seeraa fi barsiisa raajotaa diiguuf otoo hin taane raawwachuuf akka dhufe dubbateera. Heertuudhumti kuniyyuu bifa sirriitiin hin hubatamne. Daalataan immoo heertuun itti aanu hin ilaalamu. Lakkoofsa 19 irratti namni abboommota hunduma irra xinnaatan keessaa tokko diigee diigamuu isaa barsiisu…. Jedhe yesuus. Itti fufees “Ani isinittan hima, qajeelummaan keessan qajeelummaa warra barsiisota seeraatii fi Fariisotaa irra guddaa yoo caaluu dhaabaate, mootummaa waaqaatti gonkumaa hin galtan” isaaniin jedhe.” Mat. 5:20 Seera raawwachuu jechuun maal jechuu dha? Kutaa itti aanu keessatti ilaalla.
HUBADHAA!!! Namni kamiyyuu waan seerri isa irraa barbaadu raawwachuudhaan qajeelaa ta’uu hin danda’u. fayyuus hin danda’u. namni kan fayyu yesuusitti amanuudhaan qofa. Namni kan qajeelaa ta’us yesuusitti amanuudhaan qofa. Amma kan ani jechaa jiru garuu namni fayye tokko seera waaqayyoo mormuu hin danda’uu dha. Namni fayye ni abboomama. Tarii gaaffii ‘Amma abboomii hunda namni guutuutti eegu jira’ jedhu na gaafachuu dandeessa. Abboommii mormuu fi abboommii eeguu dadhabuun waan garagaraati. 1yoh. 1 fi 2 deebii quubsaa qaba. WAAQAYYO BARAAF JIREENYAA KESSAAN HAA EBBISUU AMEEN KITABAA MACAAFA QULQULLU MUL’ATA YOWANNIS BARA DHUMAA WA’EE GOGUU LAGEEWWANII ILALCHIISEE